8
Zaabiheelii fi Zalmunaa
Namoonni Efreem, “Ati maaliif akkana nu goote? Yeroo Midiyaanin dhaʼuuf duultetti maaliif nu hin waamin?” jedhanii Gidewoon gaafatan. Akka malees isatti dheekkaman.
Inni immoo akkana jedhee deebiseef; “Wanni ani hojjedhe yoo waan isin hojjettaniin wal bira qabame gatii maalii qaba? Qarmiin wayinii Efreem oomisha wayinii Abiiʼezer sana hunda hin caaluu? Waaqni hooggantoota Midiyaanotaa jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin dabarsee harka keessanitti kenneera. Egaa ani waan isin hojjettaniin wajjin kan wal qixxaatu maal hojjechuun dandaʼa ture?” Yommuu inni waan kana jedhettis aariin isaan isatti aaran ni qabbanaaʼe.
Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sadan dhufanii Yordaanos ceʼan; isaan akka malee dadhaban iyyuu ittuma fufanii jara ariʼan. Innis namoota Sukootiitiin, “Loltoota kootiif buddeena kennaa; isaan baayʼee na duraa dadhabaniiruutii; ani amma iyyuu mootota Midiyaanotaa jechuunis Zebaa fi Zalmunaa ariʼaa jira” jedhe.
Qondaaltonni Sukoot garuu, “Loltoota keetiif nu buddeena kan kenninu ati Zebaa fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?” jedhaniin.
Gidewoonis deebisee, “Tole kaa, yommuu Waaqayyo dabarsee Zebaa fi Zalmunaa harka kootti kennutti ani qoraattii gammoojjiitii fi arangamaadhaan foon keessan ciccira” jedheen.
Achiis gara namoota Phenuuʼeel dhaqee akkuma warra duraa sana kadhatetti isaanis gaafate; isaan garuu akkuma warri Sukoot deebisanitti deebii kennan. Kanaafuu inni namoota Phenuuʼeeliin, “Ani yeroo moʼadhee deebiʼutti gamoo kana nan jigsa” jedhe.
10 Yeroo sanatti Zebaa fi Zalmunaan loltoota isaanii kanneen kuma kudha shanitti hedaman wajjin iddoo Qarqari jedhamu turan; isaan kunneenis loltoota namoota baʼa biiftuutii walitti qabaman keessaa hafan hundaa dha; warri goraadee hidhatan kumni kudha lama dhumanii turaniitii. 11 Gidewoonis karaa warra baʼa Noobaahiitii fi Yogbihaatiin dunkaana keessa jiraatanii baʼee loltoota homaa hin birʼatin dhaʼe; raayyaan waraanaa sun of dagatee tureetii. 12 Mootonni Midiyaan lamaan jechuunis Zebaa fi Zalmunaan ni baqatan; Gidewoon garuu ariʼee isaan qabate; loltoota isaaniis gargari bittinneesse.
13 Ergasii Gidewoon ilmi Yooʼaash karaa Malkaa Herees baʼee duulaa gale. 14 Innis dargaggeessa Sukoot tokko qabee qorate; dargaggeessi sunis maqaa qondaaltota Sukootii fi maanguddoota magaalattii walumatti maqaa nama torbaatamii torba barreessee kenneef. 15 Gidewoonis dhufee namoota Sukootiin, “Zebaa fi Zalmunaan isin, ‘Nu namoota kee warra dadhabaniif buddeena kan kenninu ati Zaabiheelii fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?’ jettanii waaʼee isaanii natti qoostan sun kunoo ti” jedhe. 16 Innis maanguddoota magaalaa sanaa fuudhee qoraattii fi arangamaa gammoojjiitiin adabuudhaan namoota Sukootiitiif barumsa kenne. 17 Gamoo Phenuuʼeelis jigsee namoota magaalattii fixe.
18 Ergasiis inni, “Namoonni isin Taabooritti fixxan warra akkamiitii?” jedhee Zebaa fi Zalmunaa gaafate.
Isaanis, “Namootuma akka keessanii kanneen hundi isaanii ilmaan mootii fafakkaatanii dha” jedhaniin.
19 Gidewoonis deebisee, “Isaan obboloota koo ilmaanuma haadha kootii turan. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, utuu isin isaan ajjeesuu baattanii ani isin hin ajjeesu ture” jedhe. 20 Innis gara Yeteer ilma isaa hangaftichaatti garagalee, “Kaʼiitii isaan fixi!” jedheen. Yeeteer garuu sababii ijoollee taʼeef sodaatee goraadee isaa hin luqqifanne.
21 Ergasiis Zebaa fi Zalmunaan, “Kaʼiitii atumti nu ajjeesi; ‘Jabinni namaa akkuma dhagna isaatii’ ” jedhaniin. Gidewoonis kaʼee isaan ajjeese; faaya morma gaalawwan isaaniis fudhate.
Efuudii Gidewoon
22 Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan.
23 Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Waaqayyotu isin bulcha” isaaniin jedhe. 24 Innis, “Ani waa tokko isin kadhadha; kunis akka tokkoon tokkoon keessan qooda boojuu keessanii irraa lootii naa kennitanii dha” jedhe. Lootii warqee kaaʼachuun bartee Ishmaaʼeelootaa tureetii.
25 Isaanis, “Nu gammachuudhaan kennina” jedhanii deebisan. Kanaafuu wayyaa lafa irra diriirsanii tokkoon tokkoon namaa boojuu isaa irraa lootii itti darbate. 26 Amartiin warqee kan inni kadhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba yookaan kiiloo giraamii kudha sagalii fi walakkaa ulfaata ture; kunis waan mormatti hidhatan, uffata diimaa dhiilgee kan mootonni Midiyaan uffatanii fi foncaa morma gaalawwan isaanii irra ture hin dabalatu. 27 Gidewoonis warqee sanaan dirata tolchee magaalaa itti dhalate Ofraa keessa kaaʼe. Israaʼeloonni hundis achitti efuudicha waaqeffachuudhaan sagaagalan. Kunis Gidewooniif maatii isaatti kiyyoo taʼe.
Gidewoon Duʼuu Isaa
28 Midiyaanonnis akkasiin fuula Israaʼelootaa duratti moʼataman; lammatas mataa isaanii ol hin qabanne. Biyyattiinis bara Gidewoon keessa waggaa afurtama nagaa argatte.
29 Yerub-Baʼaal ilmi Yooʼaash achi jiraachuuf gara mana ofii isaatti deebiʼe. 30 Inni sababii niitota baayʼee fuudheef ilmaan torbaatama qaba ture. 31 Saajjatoon isaa kan Sheekem keessa jiraachaa turtes ilma deesseefii turte; innis Abiimelek jedhee isa moggaase. 32 Gidewoon ilmi Yooʼaash bara dheeraa jiraatee duʼe. Innis Ofraa biyya Abiiʼezerootaa keessatti, lafa awwaala abbaa isaa Yooʼaashitti awwaalame.
33 Akkuma Gidewoon duʼeen Israaʼeloonni amma illee Baʼaal wajjin sagaagalan. Baʼaal Beriitinis Waaqa isaanii godhatanii 34  Waaqayyo Waaqa isaanii kan harka diinota isaanii hundumaa jalaa isaan baase sana dagatan. 35 Isaanis maatii Yerub-Baʼaaliif jechuunis Gidewooniif waan gaarii inni isaaniif godhe hunda yaadatanii arjummaa hin gooneef.