2
Kadhannaa Yoonaas
Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate. Innis akkana jedhe:
“Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe;
innis deebii naaf kenne.
Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;
atis iyya koo naaf dhageesse.
Ati tuujubatti,
garaa galaanaatti gad na darbatte;
lolaanis na marse;
dambalii fi dhaʼaan kee
hundinuu narra garagalan.
Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;
taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii
qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
Bishaanonni na haguugan;
tuujubni immoo na marse;
aramaan galaanaas mataatti na marame.
Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;
balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
 
“Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti
ani sin yaadadhe;
kadhannaan koos gara kee
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
 
“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan
araara Waaqaa irraa garagalu.
Ani garuu faarfannaa galataatiin
aarsaa siif nan dhiʼeessa.
Ani wareegan wareege sanas nan baasa.
Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.
10  Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.