20
Awwaala Duwwaa
20:1‑8 kwf – Mat 28:1‑8; Mar 16:1‑8; Luq 24:1‑10
Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalaa dhaqxee akka dhagaan afaan awwaala sanaa irraa fuudhame argite. Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Yesuus isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen.
Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara awwaalichaa dhaqan. Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo awwaalaa sana gaʼe. Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne. Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge; akkanumas huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre. Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
Yesuus Maariyaam Ishee Magdalaatti Mulʼate
10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte; 12 isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
13 Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin.
Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen. 14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne.
15 Yesuusis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?” jedheen.
Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, “Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.
16 Yesuusis, “Maariyaam!” jedheen.
Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” jetteen. Hiikkaan isaas “Barsiisaa” jechuu dha.
17 Yesuus immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
18 Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
Yesuus Barattoota Isaatti Mulʼate
19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen. 20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
21 Yesuus amma illee, “Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen. 22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa. 23  Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”
Yesuus Toomaasitti Mulʼate
24 Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre. 25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan.
Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen.
26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedheen. 27 Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
28 Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen.
29 Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
30 Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. 31 Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos* Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
* 20:31 20:31 yookaan Masiihicha