6
Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa
6:1‑13 kwf – Mat 14:13‑21; Mar 6:32‑44; Luq 9:10‑17
Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe; namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan. Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe. Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe. Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii* dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen; “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
10 Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture. 11 Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe. 13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
14 Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan. 15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
Yesuus Bishaan Irra Deemuu Isaa
6:16‑21 kwf – Mat 14:22‑33; Mar 6:47‑51
16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan; 17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture. 18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame. 19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. 20 Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen. 21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan. 23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan. 24 Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
Yesuus Buddeena Jireenyaa
25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
26 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu. 27  Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
28 Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
29 Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas? 31 ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
32 Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti. 33  Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu. 36  Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan. 37  Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu. 38  Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii. 39  Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti. 40  Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban. 42 Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
43 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa. 44  Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 45  Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. 46  Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge. 47  Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba. 48  Buddeenni jireenyaa ana. 49  Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan. 50  Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu. 51  Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
52 Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
53 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan. 54  Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 55  Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti. 56  Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha. 57  Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata. 58  Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.” 59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
Barattoonni Baayʼeen Yesuusin Dhiisanii Baqatan
60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
61 Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree? 62  Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree? 63  Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas. 64  Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii. 65 Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. 69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
70 Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe. 71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!
* 6:7 6:7 Diinaariin tokko mindaa hojjetaan tokko guyyaatti argatu ture. 6:31 6:31 Bau 16:4; Nah 9:15; Far 78:24,25 6:45 6:45 Isa 54:13