14
Hongee, Beela, Goraadee
Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
“Yihuudaan ni boossi;
magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru;
isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu;
iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.
Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu;
isaanis gara boolla bishaanii dhaqu;
garuu bishaan hin argatan.
Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu;
isaan qaanaʼanii abdii kutatanii
mataa isaanii haguuggatu.
Sababii biyyattii keessaa
bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe;
qonnaan bultoonnis abdii kutatanii
mataa isaanii haguuggatu.
Sababii margi hin jirreef,
borofni bakkee iyyuu
ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.
Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii
akkuma waangotaa arganu;
sababii waan dheedan dhabaniif
iji isaanii waa arguu dadhabe.”
 
Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu
ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi.
Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera;
nu cubbuu sitti hojjenneerra.
Yaa abdii Israaʼel,
Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa,
ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu
biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?
Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo,
akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata?
Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta;
nu maqaa keetiin waamamna;
ati nu hin gatin.
10  Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha:
“Isaan jooruu jaallatu;
miilla isaanii hin ittifatan.
Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu;
inni amma hammina isaanii ni yaadata;
cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”
11  Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin. 12 Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
13 Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
14 Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu. 15 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu. 16 Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
 
17 “Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu:
“ ‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar
hin kutin imimmaan haa lolaasu;
intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii
akka malee madooftee
dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.
18 Ani yoon baadiyyaa dhaqe,
warra goraadeedhaan dhuman nan arga;
yoon magaalaa seene immoo,
warra beelaan dhuman nan arga.
Raajonnii fi luboonni
biyya hin beekne keessa jooru.’ ”
 
19 Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa?
Xiyooniinis ni tuffattaa?
Ati maaliif
akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita?
Nu nagaa abdanne;
garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne;
nu yeroo fayyinaa abdanne;
garuu raafama qofatu jira.
20 Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi
yakka abbootii keenyaa ni beekna;
nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
21 Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin;
teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin.
Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu;
isas hin cabsin.
22 Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa
tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa?
Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu?
Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii?
Kanaafuu abdiin keenya suma;
situ waan kana hunda hojjetaatii.