17
“Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera;
qara dhagaatiinis
gabatee garaa isaanii irrattii fi
gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
Ijoolleen isaanii iyyuu
iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa
kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi
gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif
tulluu koo kan biyya keessaa,
qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda
iddoo ol kaʼaa kee wajjin
dabarsee boojuuf nan kenna.
Ati dogoggora mataa keetiitiin
dhaala ani siif kenne ni dhabda.
Ani biyya ati hin beekne keessatti
diinota keetiif sin garboomsa;
ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii;
innis bara baraan ni bobaʼa.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Namni nama amanatu,
kan jabina foonii irree isaa godhatu,
kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa;
yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu.
Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa
biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
 
“Namni Waaqayyoon amanatu,
kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,
kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.
Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;
baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.
Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;
ija naqachuus hin dhiisu.”
 
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha;
garmalees hamaa dha.
Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
 
10 “Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti,
akkuma waan hojii isaatiif maluutti
gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa;
qalbii isaas nan qora.”
 
11 Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu
akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti.
Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada;
dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
 
12 Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun,
iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
13 Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel,
warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu.
Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru;
isaan Waaqayyoon
burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
 
14 Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa;
na oolchi, anis nan oolfama;
kan ani jajadhu sumaatii.
15 Isaan ittuma fufanii,
“Dubbiin Waaqayyoo eessa jira?
Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
16 Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine;
ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta.
Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
17 Ati na hin rifachiisin;
guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
18 Warri na adamsan haa qaaneffaman;
ana garuu qaanii irraa na oolchi;
isaan haa rifatan;
ana garuu rifaatii irraa na eegi.
Guyyaa badiisaa isaanitti fidi;
badiisa dachaatiin isaan balleessi.
Sanbata Kabajuu
19  Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu. 20 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. 21  Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa. 22 Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa. 23 Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan. 24  Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan, 25 mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa. 26 Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu. 27 Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’ ”