23
Damee Qajeelaa
“Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha Waaqayyo. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus. Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha Waaqayyo.
“Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko,
mootii ogummaadhaan bulchuu fi
waan sirrii fi qajeelaa taʼe
biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa”
jedha Waaqayyo.
Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya;
Israaʼelis nagaan jiraata;
maqaan inni ittiin waamamus:
Waaqayyo Qajeelummaa Keenya jedhama.
“Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo; “Isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.”
Raajota Sobduu
Waaʼee raajotaa,
onneen koo na keessatti cabeera,
lafeen koo hundi ni hollata;
sababii Waaqayyootii fi
sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif
ani akkuma nama machaaʼee
akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.
10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti,
sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi;
kaloon gammoojjii keessaas ni goga.
Raajonni karaa hamaa duukaa buʼu;
aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu.
 
11 “Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan;
ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera”
jedha Waaqayyo.
12 “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa;
isaan dukkanatti gad darbatamu;
achittis ni kufu.
Bara isaan adabaman keessa,
ani badiisa isaanitti nan fida”
jedha Waaqayyo.
 
13 “Raajota Samaariyaa gidduutti,
ani waan jibbisiisaa kana argeera:
Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii
saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan.
14 Raajota Yerusaalem gidduutti
ani waan nama suukaneessu tokko argeera;
isaan ni ejju; sobaan jiraatus.
Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef
isaan harka jalʼootaa jajjabeessu.
Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom;
sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.”
15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha:
“Sababii raajota Yerusaalemiif,
waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef
ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa
nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.”
16  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa;
isaan abdii sobaatiin isin guutu.
Isaan utuu afaan Waaqayyootii hin taʼin
mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu;
yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.
17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin,
Waaqayyo akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu.
Warra mata jabina yaada ofii isaanii
duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.
18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf
waldaa Waaqayyoo keessa dhaabate eenyu?
Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu?
19 Kunoo bubbeen Waaqayyoo,
dheekkamsaan ni buʼa;
bubbeen hamaanis
mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
20 Dheekkamsi Waaqayyoo
hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa
guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu.
Isin bara dhumaa keessa
waan kana akka gaariitti ni hubattu.
21 Ani raajota kanneen hin ergine;
isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru;
ani isaanitti hin dubbanne;
isaan garuu raajii dubbataniiru.
22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii
silaa dubbii koo saba kootti labsanii,
karaa isaanii jalʼaa sanaa fi
hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture.
 
23 “Ani Waaqa fagootis malee
Waaqa dhiʼoo qofaa?”
jedha Waaqayyo.
24 “Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef
iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?”
jedha Waaqayyo.
“Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?”
jedha Waaqayyo.
25 “Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu. 26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata? 27 Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu. 28 Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha Waaqayyo. 29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.
30 “Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha Waaqayyo. 31 “Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘Waaqayyo akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha Waaqayyo. 32 “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha Waaqayyo, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha Waaqayyo.
Raajii Sobaa
33 “Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Waaqayyoo maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Waaqayyo’ jedhiin. 34 Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba. 35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Waaqayyo kenne maali?’ Yookaan, ‘Waaqayyo maal dubbata?’ jechuu qaba. 36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Waaqayyoo,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii. 37 Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin Waaqayyo siif kenne maali?’ Yookaan ‘Waaqayyo maal dubbate?’ jetta. 38 Isin, ‘Baʼaan Waaqayyo kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Waaqayyo akkana jedha; ani ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu. 39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata. 40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”