25
Waggaa Torbaatamaaf Boojiʼamuu
Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha. Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe: Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne.
Yoo Waaqayyo raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef. Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu. Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
“Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha Waaqayyo.
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif, ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha Waaqayyo. 10 “Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa. 11 Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu.
12 “Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha Waaqayyo. 13 “Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida. 14 Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.”
Xoofoo Dheekkamsa Waaqaa
15  Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi. 16 Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.” 17 Kanaafuu ani xoofoo sana harka Waaqayyootii fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe:
 
18 Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha;
19 Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi, 20 namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi,
mootonni Uuzi hundi,
mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi,
21 Edoom, Moʼaabii fi Amoon,
22 mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi,
mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan,
23 Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi,
24 mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi,
25 mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi,
26 mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru.
Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga.
 
27 “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’ 28 Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu! 29 Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.’
30 “Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin:
“ ‘Waaqayyo ol gubbaadhaa guunguma;
iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee
biyya isaattis guddisee ni guunguma.
Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti
warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba.
31 Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama;
Waaqayyo sabootatti ni muraatii;
inni sanyii namaa hundatti murtii fida;
hamoota immoo goraadeedhaan fixa’ ”
jedha Waaqayyo.
32  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Ilaa! Sabaa gara sabaatti
balaan babalʼachaa jira;
bubbeen hamaan jabaan tokko
daarii lafaatii kaʼaa jira.”
33 Gaafas warri Waaqayyo fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
34 Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas;
eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa.
Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii;
isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.
35 Tiksoonni iddoo itti baqatan,
eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban.
36 Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa
eegdota bushaayee dhagaʼaa!
Waaqayyo lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
37 Sababii dheekkamsa Waaqayyoo jabaa sanaatiif,
lafti nagaa qabu ni ona.
38 Sababii goraadee cunqursitootaatii fi
sababii dheekkamsa Waaqayyoo hamaa sanaatiif,
inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa;
biyyi isaaniis ni onti.