28
Hanaaniyaan Raajii Sobaa
Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana Waaqayyoo keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa. Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida. Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha Waaqayyo.”
Ermiyaas raajichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana Waaqayyoo keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa raajichaaf deebii kenne; “Ameen! Waaqayyo waan kana haa godhu! Waaqayyo miʼa mana Waaqayyootii fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu. Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi: Raajonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru. Raajiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka Waaqayyo biraa ergame beekama.”
10 Ergasii Hanaaniyaan raajichi morma Ermiyaas raajichaa irraa waanjoo fuudhee cabse; 11 innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’ ” Kana irratti Ermiyaas raajichi karaa isaa qabatee qajeele.
12 Erga Hanaaniyaan raajichi waanjoo morma Ermiyaas raajichaa irraa cabsee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 13 “Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta. 14  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’ ”
15 Ermiyaas raajichis Hanaaniyaa raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! Waaqayyo si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta. 16 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan Waaqayyo irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’ ”
17 Hanaaniyaa raajichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe.