37
Ermiyaas Hidhamuu Isaa
Nebukadnezar mootichi Baabilon Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mootii Yihuudaa taasise; innis iddoo Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim buʼee mootii taʼe. Garuu inni yookaan tajaajiltoonni isaa yookaan sabni biyya sanaa dubbii Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin dubbate sana hin qalbeeffanne.
Taʼus Zedeqiyaa mootichi, “Maaloo Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu” jedhee Yehuukal ilma Shelemiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaas raajichaatti erge.
Ermiyaas waan yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfaminiif sodaa malee saba gidduu ni deddeebiʼa ture. Loltoonni Faraʼoon Gibxii baʼanii turan; Baabilononni Yerusaalemin marsanii turanis yommuu waan kana dhagaʼanitti Yerusaalemin dhiisanii baʼan.
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe: Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Mooticha Yihuudaa isa akka isin waa na gaafattaniif isin erge sanaan akkana jedhaa; ‘Loltoonni Faraʼoon kanneen isin gargaaruuf dhufan sun gara biyya isaanii, gara Gibxitti ni deebiʼu. Ergasii Baabilononni deebiʼanii magaalaa kana ni dhaʼu; ni qabatu; ni gubus.’
Waaqayyo akkana jedha: ‘Baabilononni dhugumaan nu dhiisanii deemu’ jettanii yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa; isaan hin deemaniitii! 10 Utuu isin loltoota Baabilonotaa kanneen isin lolaa jiran kana hunda moʼattanii warri madaaʼan qofti dunkaana isaanii keessatti hafanii iyyuu isaan gad baʼanii magaalaa kana ni gubu.”
11 Erga loltoonni Baabilonotaa sababii waraana Faraʼooniif jedhanii Yerusaalemin dhiisanii baʼanii as, 12 Ermiyaas saba achi jiraatu keessaa qooda qabeenyaa kan isa gaʼu argachuuf jedhee Yerusaalemii kaʼee biyya Beniyaam dhaqe. 13 Garuu yeroo inni karra Beniyaam bira gaʼetti Yiriyaan ilmi Shelemiyaa, ilmi Hanaaniyaa itti gaafatamaan eegumsaa sun, “Ati gara Baabilonotaatti sokkaa jirta!” jedhee Ermiyaas raajicha qabee hidhe.
14 Ermiyaas immoo, “Kun dhugaa miti! Ani gara Baabilonotaatti sokkuutti hin jiru” jedhe. Yiriyaan garuu isa dhagaʼuu dide; qooda kanaa Ermiyaasin qabee qondaaltotatti dhiʼeesse. 15 Isaanis Ermiyaasitti aaranii isa tuman; mana Yoonaataan barreessaa sanaa kan mana hidhaa godhatan sana keessatti isa hidhan.
16 Ermiyaasis kutaa mana boollaa keessa buufame; achis yeroo dheeraa ture. 17 Ergasii Zedeqiyaa Mootichi nama itti ergee gara masaraa ofii isaatti isa fichisiise. Achittis kophaatti baasee, “Dubbiin Waaqayyo biraa dhufe tokko iyyuu jiraa?” jedhee isa gaafate.
Ermiyaasis, “Eeyyee; ati dabarfamtee mootii Baabiloniitti ni kennamta” jedhee deebise.
18 Ergasiis Ermiyaas, Zedeqiyaas mootichaan akkana jedhe; “Ani sitti yookaan qondaaltota keetti yookaan saba kanatti balleessaa maalii hojjennaan isin mana hidhaa keessa na buuftan? 19 Raajonni kee warri, ‘Mootiin Baabilon siʼi yookaan biyya kana hin lollu’ jedhanii raajii siif dubbatan sun eessa jiru? 20 Amma garuu gooftaa koo yaa mootichaa, maaloo na dhagaʼi. Ani iyyata koo fuula kee duratti nan dhiʼeeffadhaatii, mana Yoonaataan barreessaa sanaatti deebiftee na hin ergin; yoo ati na ergite ani achumatti duʼaatii.”
21 Kana irratti Zedeqiyaa Mootichi akka Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa kaaʼamuu fi akka isaan hamma buddeenni magaalaa sanaa dhumutti guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko warra buddeena tolchan irraa fuudhanii isaaf kennan ajaje. Akkasiin Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa ture.