40
Ermiyaas Gad Dhiifame
Erga Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Raamaatti gad isa dhiisee booddee dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Ajajaan sun isaa boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihuudaadhaa boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaa turan hunda gidduutti foncaan hidhamee jiru Ermiyaasin arge. Ajajaan eegumsaa sunis yommuu Ermiyaasin argetti akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni kee badiisa kana iddoo kanatti labseera. Waaqayyo amma iyyuu waan kana fideera; inni akkuma dubbate sana godheera. Sababii isin Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf hin ajajaminiif wanni kun hundi taʼe. Ani garuu harʼa foncaa harka keetii sirraa hiikeera. Ati yoo na wajjin Baabilon dhaquu feete kottu; anis sin kunuunsaa; yoo fedhuu baatte garuu hin dhufin. Kunoo biyyattiin guutumaan guutuutti fuula kee dura jirti; iddoo jaallatte dhaqi.” Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen.
Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise. Kanaafuu Ermiyaas gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kan Miisphaa jiraatu sanaa dhaqee isa wajjin saba biyya sanatti hafe gidduu jiraate.
Ajjeefamuu Gedaaliyaas
40:7‑9; 41:1‑3 kwf – 2Mt 25:22‑26
Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti, Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan. Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii. 10 Ani mataan koo fuula Baabilonota gara keenya dhufanii duratti iddoo keessan buʼuuf Miisphaa keessa nan tura; isin garuu wayinii, ija bonaatii fi zayitii walitti qabaatii gombisaatti naqadhaa; magaalaawwan qabattan keessas jiraadhaa.”
11 Yihuudoonni Moʼaab, Amoon, Edoomii fi biyyoota biraa hunda keessa jiraatan hundi yommuu akka mootiin Baabilon Yihuudaa keessatti hambaa hambisee fi akka inni Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam bulchaa godhee isaan irratti muude dhagaʼanitti, 12 hundi isaanii biyyoota itti bittinnaaʼan hunda keessaa baʼanii Yihuudaatti deebiʼanii Miisphaatti Gedaaliyaas bira dhufan. Isaanis wayinii fi ija bonaa baayʼee walitti qabatan.
13 Yeroo kanatti Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota ala turanii hundi Gedaaliyaas bira Miisphaa dhaqanii, 14 akkana jedhaniin; “Ati akka mootiin Amoonotaa Baʼaaliis jedhamu sun si ajjeesuuf jedhee, Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa erge hin beektuu?” Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu isaan hin amanne.
15 Kana irratti Yoohaanaan ilmi Qaareyaa Miisphaa keessatti Gedaaliyaasin kophaatti baasee akkana jedheen; “Akka ani dhaqee Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa sana ajjeesu naa eeyyami; namni tokko iyyuu waan kana hin beeku. Inni maaliif si ajjeesee akka Yihuudoonni naannoo keetti walitti qabaman hundi bittinneeffamanii hambaan Yihuudaas barbadaaʼu godha?”
16 Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu, Yoohaanaan ilma Qaareyaatiin, “Ati waan akkasii hin hojjetin! Wanni ati waaʼee Ishmaaʼeel dubbattu kun dhugaa mitii” jedhe.