44
Badiisa waaqota tolfamoo waaqeffachuun fide
Dubbiin waaʼee Yihuudoota biyya Gibxi keessa jechuunis Migdool, Tahiphaanhees, Memfiisii fi Phaxroos keessa jiraatan hundaa dubbatu kun akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa hundatti fide sana argitaniirtu. Kunoo, isaan harʼa onaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu; kunis sababii hammina isaan hojjetaniitiif taʼe. Isaan ixaana aarsuu fi waaqota isaan yookaan isin yookaan abbootiin keessan hin beekin biraa waaqeffachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan. Anis, ‘Waan jibbisiisaa ani hin jaallanne kana hin hojjetinaa!’ jedhee tajaajiltoota koo raajota ammumaa amma isaanitti erge. Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan gurra hin kennineef; isaan hammina isaanii irraa hin deebine yookaan waaqota biraatiif ixaana aarsuu hin dhiifne. Kanaafuu dheekkamsi koo sodaachisaan sun dhangalaʼee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti bobaʼe; isaanis akkuma harʼa taʼee jiru kana ni barbadaaʼan; ni onanis.
“Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin maaliif dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼimman Yihuudaa irraa kuttanii badiisa guddaa akkanaa ofitti fiduudhaan hambaa malee of hambiftu? Isin maaliif biyya Gibxi, lafa keessa jiraachuuf dhuftanitti waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftu? Isin ofuma balleessitanii saboota lafa irraa hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan fafaa of gootu. Isin hammina abbootiin keessan, mootonni Yihuudaatii fi niitonni isaanii hojjetan, akkasumas hammina isinii fi niitonni keessan biyya Yihuudaattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjettan sana ni irraanfattanii? 10 Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne yookaan na hin sodaanne yookaan seera kootii fi qajeelfama koo kan ani fuula keessanii fi fuula abbootii keessanii dura kaaʼe sana duukaa hin buune.
11 “Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani badiisa isinitti fiduu fi Yihuudaa hunda balleessuuf kutadheera. 12 Ani hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi dhaqanii achi jiraachuu murteeffatan nan balleessa. Isaan hundi Gibxitti dhumu; isaan goraadeedhaan kukkufu yookaan beelaan dhumu. Xinnaa guddaan isaanii goraadeedhaan yookaan beelaan duʼa. Isaan waan abaarsaatii fi waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa taʼu. 13 Ani akkuma Yerusaalemin adabe sana warra Gibxi keessa jiraatan illee goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba. 14 Hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuu dhaqan keessaa namni miliqu yookaan biyya Yihuudaa kan achi jiraachuuf hawwan sanatti deebiʼu tokko iyyuu hin jiru; baqattoota tokko tokko malee isaan hin deebiʼaniitii.”
15 Ergasiis namoonni akka niitonni isaanii waaqota biraatiif ixaana aarsan beekan hundii fi dubartoonni achi turan, walumatti waldaan guddaan tokkoo fi namoonni biyya Gibxi keessa Phaxroos jiraatan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; 16 “Nu dubbii ati maqaa Waaqayyootiin nutti dubbatte sana hin dhageenyu! 17 Nu waan ni hojjenna jenne hunda dhugumaan ni hojjenna: Akkuma nuu fi abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi qondaaltonni keenya magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti goone sana nu Mootittii Samiitiif ixaana ni aarsina; dhibaayyuus ni dhibaafanna. Nu yeroo sanatti nyaata akka malee baayʼee qabna turre; haala tolaa keessa jiraanne malee hin miidhamne. 18 Erga Mootittii Samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu dhibaafachuu dhiifne garuu nu goraadee fi beelaan dhumaa jirra malee homaa hin arganne.”
19 Dubartoonnis kana irratti, “Yeroo nu Mootittii Samiitiif ixaana aarsinee dhibaayyuu illee dhibaafanneef sana akka nu fakkii isheetiin keekii tolchinee dhibaayuu dhibaafannuuf dhirsoonni keenya ni beeku mitii?” jedhan.
20 Ermiyaas uummata deebii isaaf kennaa ture dhiiraa dubartii hundaan akkana jedhe; 21 Waaqayyo waaʼee ixaana isinii fi abbootiin keessan, mootonni keessanii fi qondaaltonni keessan, sabni biyyattiis magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti aarsitan sanaa yaadatee garaatti hin qabannee? 22 Yeroo Waaqayyo hojii keessan hamaa fi waan jibbisiisaa isin hojjettan sana argee obsuu dadhabetti biyyi keessan akkuma amma jirtu kana waan abaarsaatii fi ona duwwaa namni keessa hin jiraanne taʼee hafe. 23 Sababii isin ixaana aarsitanii Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf ajajamuu diddaniif yookaan seera isaa yookaan labsii isaa yookaan qajeelfama isaa illee duukaa buʼuu diddaniif balaan kun akkuma isin amma argitan kana isinitti dhufe.”
24 Ermiyaasis saba hundaa fi dubartoota hundaan akkana jedhe; “Isin sabni Yihuudaa warri biyya Gibxi keessa jiraattan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. 25  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isinii fi niitonni keessan waan, ‘Nu dhugumaan wareega waaqittii samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu illee dhibaafachuuf wareegne sana ni guunna’ jettanitti waadaa galtan sana hojiidhaan argisiiftaniirtu.
“Egaa ittuma fufaatii waan waadaa galtan sana raawwadhaa! Wareega keessanis guutadhaa! 26 Isin Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraattan hundi garuu dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: Waaqayyo akkana jedha; ‘Akka namni Yihuudaadhaa dhufee biyya Gibxi keessa eessa iyyuu jiraatu tokko iyyuu lammata maqaa koo hin dhoofne yookaan, “Dhugaa Waaqayyo Goofticha jiraataa” jedhee hin kakanneen ani maqaa koo guddaadhaan nan kakadha. 27 Ani waan hamaaf isaan ilaalaan jira malee waan tolaaf isaan ilaalaa hin jiruutii; Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraatan hamma hundi isaanii barbadeeffamanitti goraadee fi beelaan dhumu. 28 Warri goraadee jalaa miliqanii biyya Gibxii gara Yihuudaatti deebiʼan akka malee xinnoo taʼu. Gaafas hambaawwan Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuuf dhufan guutuun akka dubbiin kootii fi kan isaanii keessaa kan eenyuu fiixaan baʼu ni beeku.
29 “ ‘Akka ani iddoo kanatti isin adabu wanni kun mallattoo isiniif taʼa;’ jedha Waaqayyo; ‘kunis akka isin akka dubbiin koo dhugumaan isiniin mormee dhaabatu beektaniif.’ 30  Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani akkuma Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa dabarsee diina lubbuu isaa galaafachuu barbaadutti Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kenne sana Faraʼoon Hofraa mooticha Gibxi illee dabarsee diinota isaa warra lubbuu isaa galaafachuu barbaadanitti nan kenna.’ ”