51
Waaqayyo akkana jedha:
“Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti
bubbee waa balleessu nan kaasa.
Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif
ormoota Baabilonitti nan erga;
isaan gaafa badiisa ishee,
karaa hundaanuu isheen mormu.
Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin,
yookaan miʼa lolaa hin hidhatin.
Dargaggoota ishee hin baasinaa;
loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.
Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu;
daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.
Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti
yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu
Waaqni isaanii, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
 
“Baabilon keessaa baqadhaa!
Lubbuu keessan oolfadhaa!
Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa.
Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti;
innis gatii isheef malu ni kennaaf.
Baabilon harka Waaqayyoo keessatti xoofoo warqee turte;
isheen guutummaa lafaa ni macheessite.
Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan;
kanaafuu amma maraataniiru.
Baabilon akkuma tasaa
kuftee caccabdi; isheef booʼaa!
Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii;
tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
 
“ ‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra;
isheen garuu fayyuu hin dandeessu;
kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee
gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu;
murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee,
hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
 
10 “ ‘Waaqayyo qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera;
kottaa, waan Waaqayyo Waaqni keenya hojjete
Xiyoon keessatti haa odeessinu.’
 
11 “Xiyya qaradhaa;
gaachana illee fudhadhaa!
Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef
Waaqayyo mootota Meedee kakaaseera.
Waaqayyo haaloo ni baʼa;
mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.
12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa!
Eegumsa jajjabeessaa;
eegduu dhaabaa;
warra riphee eeggatu qopheessaa!
Waaqayyo kaayyoo isaa
waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.
13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu,
kan qabeenyaanis badhaate,
dhumni kee dhufeera;
yeroon ati itti baddu gaʼeera.
14  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera:
Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa
sitti gad dhiisa;
isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
 
15 “Inni humna isaatiin lafa uume;
ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;
hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu;
inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.
Bokkaa wajjin balaqqee ni erga;
mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
 
17 “Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;
tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama.
Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;
isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti;
yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
19 Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;
inni uumaa waan hundumaa ti;
Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;
maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
 
20 “Ati bokkuu koo kan duulaa
miʼa lolaa kootii ti;
ani siin saboota nan caccabsa;
siin mootummoota nan barbadeessa;
21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa;
siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;
22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa;
siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa;
siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;
23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa;
siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa;
siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
24 “Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Waaqayyo.
25 “Yaa tulluu barbadeessaa,
ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera;
ani harka koo sitti nan kaafadha;
ededa irraa gad gangalchee
tulluu gubamaa sin godha”
jedha Waaqayyo.
26 “Waan ati bara baraan ontuuf,
kattaan dhagaa golee taʼu,
yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu”
jedha Waaqayyo.
 
27 “Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa!
Saboota gidduuttis malakata afuufaa!
Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa;
mootummoota Araaraat,
kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa.
Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa;
fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.
28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis,
mootota Meedee
bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda,
biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.
29 Sababii wanni Waaqayyo
akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef
biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun
jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.
30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru;
isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru.
Jabinni isaanii dhumeera;
isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru.
Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera;
danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.
31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte
mootii Baabilonitti himuuf,
fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf,
ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga;
32 kunis akka malkaan qabame,
akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi
akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
33  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha:
“Intalli Baabilon akkuma oobdii ti;
yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti;
yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
 
34 “Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera;
inni barbadeesseera;
akkuma okkotee duwwaa na godhe.
Inni akkuma jawwee na liqimse;
qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate;
ergasii immoo na tufe.”
35 Jiraattonni Xiyoon,
“Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan.
Yerusaalemis, “Dhiigni keenya
warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
36 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:
“Kunoo, ani dubbii kee siif falmee
haaloo siifin baʼa;
ani galaana ishee nan gogsa;
burqaa ishee illee nan kuta.
37 Baabilon tuullaa diigame,
iddoo waangoonni keessa burraaqan,
waan naasuutii fi qoosaa,
lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.
38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada;
isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.
39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti,
ani akka isaan kolfaa gammadanii
bara baraan rafanii hin dammaqneef
cidha isaaniif qopheessee
akka isaan machaaʼan nan godha”
jedha Waaqayyo.
40 “Ani akka ilmoolee hoolaa,
akkuma korbeeyyii hoolaatii fi
reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
 
41 “Sheeshaak akkamitti boojiʼamti!
Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame!
Baabilon saba gidduutti
akkam waan sodaa taati!
42 Baabilon irra galaanni garagala;
dambaliin galaanaas ishee haguuga.
43 Magaalaawwan ishee onanii
biyya gogaa fi gammoojjii,
biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,
kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.
44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba;
waan inni liqimse illee nan tufsiisa.
Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan;
dallaan Baabilonis ni jiga.
 
45 “Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa!
Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa!
Dheekkamsa Waaqayyoo sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.
46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti
garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin;
akka gooliin biyya keessa jiru,
akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu,
oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.
47 Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu
dhugumaan ni dhufaatii;
biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti;
qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.
48 Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis,
gammadanii Baabilonitti ililchu;
barbadeessitoonni kaabaa baʼanii
ishee waraanuutii”
jedha Waaqayyo.
 
49 “Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi
sababii Baabiloniif harcaʼan sana
Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.
50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan,
deemaa; lafa irra hin harkifatinaa!
Biyya fagootti illee Waaqayyoon yaadadhaa;
waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
 
51 “Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa
mana Waaqayyootti qalaniif,
nu salphifamneerra;
waan arrabsamneefis
qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
 
52 “Garuu barri ani itti,
waaqota ishee tolfamoo adabuu fi
yeroon guutummaa lafa ishee irratti
warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Waaqayyo.
53 “Yoo Baabilon samiitti ol baatee
daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu,
ani warra ishee barbadeessan itti nan erga”
jedha Waaqayyo.
 
54 “Baabilonii iyyi,
lafa Baabilonotaatii immoo
sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.
55  Waaqayyos Baabilonin ni barbadeessa;
inni waca ishee ni calʼisiisa,
dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa;
sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.
56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa;
gootonni ishee ni qabamu;
futtaaftuun isaaniis ni caccaba;
Waaqayyo, Waaqa haaloo baʼuudhaatii;
inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.
57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee,
akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi
gootota ishee nan macheessa;
isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,”
jedha mootichi maqaan isaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu,
jedhamu sun.
58  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;
“Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga;
karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu;
namoonni akkasumaan of dadhabsiisu;
dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha. 60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture. 61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin. 62 Akkanas jedhi: ‘Yaa Waaqayyo, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’ 63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu. 64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’ ”
 
 
Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.