7
Amantiin Sobaa Faayidaa Hin Qabu
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha; “Balbala mana Waaqayyoo dura dhaabadhuutii akkana jedhii ergaa kana labsi:
“ ‘Isin sabni Yihuudaa warri Waaqayyoon waaqeffachuuf balbalawwan kanneeniin ol seentan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; anis akka isin iddoo kana jiraattan nan godha. Isin dubbii sobaa amanattanii, “Kun mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti!” hin jedhinaa. Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii, utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii, silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha. Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu.
“ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, 10 ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu? 11 Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo.
12 “ ‘Mee gara Shiiloo iddoo ani jalqabatti iddoo jireenya Maqaa kootiif godhadhe sanaa dhaqaatii waan ani sababii hammina saba koo Israaʼeliif ishee godhe ilaalaa. 13  Waaqayyo akkana jedha: Yeroo isin waan kana hunda gootanitti, ani ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Ani isinan waame; isin garuu hin owwaanne. 14 Kanaafuu ani waanan Shiilootti fide sana amma mana Maqaa kootiin waamamu, mana Qulqullummaa kan isin amanattan, iddoo ani isinii fi abbootii keessaniif kenne kanattis nan fida. 15 Ani akkuman obboloota keessan jechuunis saba Efreem hunda fuula koo duraa ariʼe sana isiniinis nan ariʼa.’
16 “Kanaafuu ati saba kanaaf hin kadhatin; yookaan waaʼee isaaniitiif hin booʼin yookaan waammata hin dhiʼeessin; ani si hin dhagaʼuutii na hin kadhatin. 17 Ati waan isaan magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjetan hin argituu? 18 Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu. 19 Garuu kan isaan dheekkamsaaf kakaasan anaa? jedha Waaqayyo. Isaan ofuma miidhanii qaanaʼan mitii?
20 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Aarii fi dheekkamsi koo iddoo kana irratti, namaa fi horii irratti, mukkeen diidaattii fi waan lafti baaftu irratti ni dhangalaʼa; inni inuma bobaʼa malee hin dhaamu.
21 “ ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Aarsaa keessan kan gubamu qalma keessanitti dabalaatii foon nyaadhaa! 22 Ani yeroon biyya Gibxii abbootii keessan baasetti waaʼee aarsaa gubamuutii fi qalmaa isaanitti hin dubbanne yookaan isaan hin ajajne; 23 ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa. 24 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne. 25 Gaafa abbootiin keessan biyya Gibxii baʼanii jalqabee hamma ammaatti ani guyyuma guyyaan, ammumaa amma tajaajiltoota koo raajota isiniif ergeera. 26 Isaan garuu na hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne. Isaan mataa jabaatanii abbootii isaanii caalaa waan hamaa hojjetan.’
27 “Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan. 28 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Sabni kun saba Waaqayyo Waaqa isaatiif hin ajajamne, kan adabbii isaa illee hin fudhannee dha. Dhugaan badeera; afaan isaanii keessaas dhabameera.
29 “ ‘Rifeensa mataa keetii of irraa cirii gati; iddoo ol kaʼaa qullaatti ol baʼii booʼi; Waaqayyo dhaloota dheekkamsa isaa jala jiru kana tuffatee gateeraatii.
Sulula Qalmaa
30 “ ‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha Waaqayyo. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru. 31 Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha. 32 Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha Waaqayyo. 33 Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru. 34 Ani magaalaawwan Yihuudaa keessaa fi daandiiwwan Yerusaalem irra sagalee kolfaatii fi gammachuu, sagalee misirrichaatii fi misirrittii nan balleessa; biyyattiin ni ontiitii.