Kitaaba
Iyyaasuu
1
Waaqayyo Iyyaasuu Ajajuu Isaa
Erga Museen garbichi Waaqayyoo sun duʼee booddee Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate: “Garbichi koo Museen duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa. Anis akkuma Museef waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna. Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti. Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu. Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
“Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin. Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas. Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
10 Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje: 11 “Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’ ”
12 Iyyaasuun garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe: 13 “Ajaja garbichi Waaqayyo Museen isinii kenne sana yaadadhaa; ‘Waaqayyo Waaqni keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’ 14 Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Museen gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu; 15 hamma Waaqayyo akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya Waaqayyo Waaqni keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Museen garbichi Waaqayyo sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu.”
16 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna. 17 Nu akkuma Museedhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. Waaqayyo Waaqni kee garuu akkuma Musee wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu. 18 Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!”