8
Magaalaan Aayi Barbadeeffamte
Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii. Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi.”
Iyyaasuu fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge; akkanas jedhee isaan ajaje: “Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa. Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna. Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti, isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. Waaqayyo Waaqni keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna. Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma Waaqayyo ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera.”
Ergasii Iyyaasuun isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Iyyaasuun garuu halkan sana uummata wajjin bule.
10 Guyyaa itti aanu ganama barii Iyyaasuun namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan. 11 Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture. 12 Iyyaasuun nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise. 13 Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Iyyaasuun garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule.
14 Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne. 15 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan. 16 Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Iyyaasuu faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman. 17 Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan.
18  Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu” jedhe. Kanaafuu Iyyaasuun eeboo isaa gara Aayitti deebifate. 19 Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan.
20 Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan samiitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne. 21 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan. 22 Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan. 23 Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Iyyaasuutti fidan.
24 Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan. 25 Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan. 26 Iyyaasuun hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii. 27 Israaʼel garuu akkuma Waaqayyo Iyyaasuu ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate.
28 Akkasitti Iyyaasuun Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti. 29 Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Iyyaasuun yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan.
Tulluu Gebaal Irratti Kakuun Haaromfame
30 Ergasii Iyyaasuun Tulluu Eebaal irratti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare. 31 Iddoo aarsaa kanas akkuma Museen garbichi Waaqayyoo Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas Waaqayyoof qalan. 32 Iyyaasuunis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Museen barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche. 33 Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu Waaqayyoo baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Museen garbichi Waaqayyoo akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan.
34 Ergasiis Iyyaasuun akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise. 35 Dubbii Museen isa ajaje hunda keessaa wanni Iyyaasuun waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre.