10
Mootittiin Saabaa Solomoonin Arguu Dhaqxe
10:1‑13 kwf – 2Sn 9:1‑12
Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomooniitii fi ulfina inni maqaa Waaqayyootiif qabuu dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Solomoon dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee Yerusaalem dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte. Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni mootichi isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre. Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha. Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti wantoota kanneen hin amanne. Dhugumaan walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati ogummaa fi badhaadhummaadhaan oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan! Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqayyo sababii Israaʼeliif jaalala bara baraa qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf mootii si godheera.”
10 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa baayʼatu gonkumaa ergasii hin fidamne.
11 Dooniiwwan Hiiraam biyya Oofiir irraa warqee fidan; isaanis feʼiisa muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii baayʼee achii ni fidan. 12 Mootichis muka sandalii sana utubaa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Mukni sandalii kan akkas baayʼatu ergasii hamma harʼaatti takkumaa alaa hin fidamne yookaan hin argamne.
13 Solomoon Mootichis waan qabeenya mootummaa ofii isaa keessaa kenneef irratti dabalee waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
Badhaadhummaa Solomoon
10:14‑29 kwf – 2Sn 1:14‑17; 9:13‑28
14 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture; 15 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi xixinnaa irraa argamuu fi galii inni mootota biyya Arabaa hundaa fi bulchitoota biyya keessaa irraa argatu hin dabalatu.
16 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe. 17 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche; tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee minnaanii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
18 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise. 19 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; karaa dugda duubaatiin fiixee geengoo tokko qaba. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture. 20 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne. 21 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne. 22 Mootichis dooniiwwan Hiiraam gidduudhaa dooniiwwan daldalaa galaana irraa qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
23 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. 24 Addunyaan hundinuu ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaada ture. 25 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
26 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate. 27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu godhe. 28 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite. 29 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.