13
Nama Waaqaa Yihuudaadhaa Dhufe
Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja Waaqayyootiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe. Innis ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; “Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Waaqayyo akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawit keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’ ” Namni Waaqaa sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; “Mallattoon Waaqayyo dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga.”
Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye. Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii Waaqayyootiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Waaqayyo Waaqa kee jabeessii naa kadhadhu.” Kanaafuu namni Waaqaa sun Waaqayyoon jabeessee kadhateef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.
Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu. Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.” 10 Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.
11 Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan. 12 Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan. 13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee 14 gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate.
Namichis, “Eeyyee ana” jedhee deebise.
15 Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
16 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu. 17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
18 Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii Waaqayyootiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’ ” Jaarsi sun garuu isa sobe. 19 Kanaafuu namni Waaqaa sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.
20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Waaqayyoo jaarsa raajii isa deebisee fide sanatti dhufe. 21 Innis nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha, ‘Ati dubbii Waaqayyoo xureessiteerta; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kennes hin eegne. 22 Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee awwaala abbootii keetii keessatti hin awwaalamu.’ ”
23 Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef. 24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan. 25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
26 Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii Waaqayyootiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Waaqayyoo isatti dubbatee ture sanatti Waaqayyo leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne.”
27 Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan. 28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre. 29 Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale. 30 Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
31 Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa. 32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Waaqayyootiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii.”
33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase. 34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.