16
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe: “Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote. Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha. Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Waaqayyoo duratti hojjete hundaaf dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
Eelaa Mooticha Israaʼel
Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture. 10 Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
11 Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef. 12 Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Waaqayyoo kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse; 13 kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
14 Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Zamrii Mooticha Israaʼel
15 Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan. 16 Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan. 17 Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan. 18 Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe. 19 Wanni kunis sababii inni fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
20 Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Zanbarii Mooticha Israaʼel
21 Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe. 22 Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
23 Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche. 24 Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
25 Omriin garuu fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame. 26 Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
27 Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 28 Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti awwaalame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Ahaab Mootii Israaʼel Taʼe
29 Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche. 30 Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete. 31 Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe. 32 Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe. 33 Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
34 Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Waaqayyoo kan karaa Iyyaasuu ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.