21
Iddoo Dhaaba Wayinii Naabot
Naabot namichi Yizriʼeel tokko Yizriʼeel keessaa, masaraa mootummaa Ahaab mooticha Samaariyaa biraa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture. Ahaabis Naabotiin akkana jedhe; “Sababii inni masaraa mootummaa kootti dhiʼaatuuf akka ani achi irra biqiltuu dhaabbadhuuf iddoo dhaabaa wayinii keetii naaf kenni. Qooda isaa ani iddoo dhaabaa wayinii kan isa caalu yookaan yoo ati feete gatii isaa maallaqa siifin kennaa.”
Naabot garuu, “Dhaala abbootii koo siif kennuu irraa Waaqayyo na haa eegu” jedhee deebise.
Kanaafuu sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun “Ani dhaala abbootii koo siif hin kennu” jedheef Ahaab akka malee aaree dheekkamaa gara mana isaatti gale. Innis fuula isaa garagalfatee siree isaa irra ciise; waa nyaachuus ni dide.
Iizaabel niitiin isaas ol seentee, “Ati maaliif akkana aarta? Maaliif waa hin nyaanne?” jettee isa gaafatte.
Innis akkana jedhee deebiseef; “Sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun, ani, ‘Iddoo dhaabaa wayinii keetii natti gurguri, yookaan yoo ati feete qooda isaa iddoo dhaabaa wayinii biraa siifin kenna’ jennaaniin inni immoo, ‘Ani iddoo dhaabaa wayinii koo siif hin kennu’ naan jedheef.”
Niitiin isaa Iizaabelis, “Ati amma mootii Israaʼelii? Kaʼii buddeena nyaadhu! Gammadis. Ani iddoo dhaabaa wayinii Naabot namicha Yizriʼeel sanaa siifin kennaa” jetteen.
Kanaafuu isheen maqaa Ahaabiin xalayoota barreessitee chaappaa isaatiin chaappeessitee maanguddootaa fi namoota bebeekamoo magaalaa Naabot keessa isa wajjin jiraatanitti ergite. Xalayoota sana keessattis akkana jettee barreessite:
“Guyyaa soomaa tokko labsaatii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhaa. 10 Namoota kashlabboota lama fuula isaa dura teessisaatii akka isaan akka inni Waaqaa fi mooticha abaare itti rageessan godhaa. Ergasiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”
11 Kanaafuu maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon magaalaa Naabot keessa jiraatan akkuma Iizaabel xalayoota barreessiteef keessatti isaan ajajje sana godhan. 12 Isaanis sooma labsanii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhan. 13 Ergasii Kashlabboonni lama dhufanii fuula isaa dura tataaʼanii, “Naabot Waaqaa fi mooticha abaareera” jedhanii namoota duratti itti rageessan. Kanaafis magaalaa keessaa gad baasanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. 14 Ergasii isaan, “Naabot dhagaan tumamee duʼeera” jedhanii Iizaabelitti ergaa ergan.
15 Iizaabelis akkuma akka Naabot dhagaan tumamee duʼe dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii iddoo dhaabaa wayinii Naabot namichi Yizriʼeel sitti gurguruu dide sana dhaali. Inni lubbuun hin jiru; duʼeeraa” jette. 16 Ahaabis akka Naabot duʼe dhageenyaan iddoo dhaabaa wayinii Naabot sana dhaaluuf kaʼee gad buʼe.
17 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe; 18 “Ahaab mooticha Israaʼel kan Samaariyaa keessa taaʼee bulchu sana arguuf gad buʼi. Inni amma lafa qotiisaa sana dhaaluuf gad buʼee iddoo dhaabaa wayinii Naabot keessa jira. 19 Atis akkana jedhiin: ‘Waaqayyo akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’ ”
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe.
Innis deebisee akkana jedheen; “Sababii ati fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuuf of gurgurteef ani si argadheera. 21 ‘Ani badiisa sitti nan fida. Sanyii kee illee nan balleessa; dhiira mana Ahaab, garbas taʼu birmaduu hunda Israaʼel keessaa nan balleessa. 22 Sababii ati aariif na kakaaftee fi akka Israaʼel cubbuu hojjetu gooteef ani mana kee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.’
23 “Waaʼee Iizaabelis Waaqayyo akkana jedha: ‘Dallaa dhagaa Yizriʼeel biratti saroonni Iizaabelin ni nyaatu.’
24 “Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
25 Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaaf of gurgure sanaa gonkumaa hin jiru. 26 Inni akkuma Amoorota kanneen Waaqayyo saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete.
27 Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture.
28 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe: 29 “Ati akka Ahaab fuula koo duratti gad of qabe argitee? Sababii inni gad of qabeef ani balaa kana bara isaa keessa hin fidu; garuu bara ilma isaa keessa mana isaatti nan fida.”