10
Maatiin Ahaab Ajjeefaman
Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe; “Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif, ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.”
Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan.
Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan.
Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse.
Yeroo kanatti ilmaan mootii torbaatamanuu namoota magaalaa sanaa bebeekamoo kanneen isaan guddisan bira turan. Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan. Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime.
Yehuun immoo, “Mee balbala ittiin magaalattii seenan duratti iddoo lamatti tuulaatii hamma lafti bariitutti tursaa” jedhee ajaje.
Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe? 10 Kanaafuu akka dubbiin Waaqayyo mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. Waaqayyo waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.” 11 Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe.
12 Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti, 13 firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate.
Isaanis, “Nu firoota Ahaaziyaa; nu maatii mootichaatii fi ilmaan haadha mootichaa dubbisuu dhufne” jedhanii deebisan.
14 Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.
15 Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate.
Yehoonaadaabis, “Ani gara kee jira” jedhee deebise.
Yehuunis, “Yoo akkas taʼe harka kee natti kenni” jedheen. Innis harka isaa itti kenne. Yehuunis isa gargaaree gaariitti ol isa baase. 16 Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme.
17 Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii Waaqayyo Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse.
Tajaajiltoonni Baʼaal ajjeefaman
18 Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila. 19 Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe.
20 Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan. 21 Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame. 22 Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef.
23 Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe. 24 Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
25 Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan. 26 Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban. 27 Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
28 Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse. 29 Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti.
30  Waaqayyos Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.” 31 Taʼus Yehuun seera Waaqayyo Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
32 Bara sana keessa Waaqayyo lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate; 33 kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha.
34 Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
35 Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe. 36 Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche.