12
Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromse
12:1‑21 kwf – 2Sn 24:1‑14; 24:23‑27
Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa. Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”
Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture. Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.” Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture. 10 Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan. 11 Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif, 12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.
13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle; 14 maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame. 15 Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne. 16 Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale. 18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme.
19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan. 21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.