24
Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile. Waaqayyos saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii Waaqayyoo kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge. Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja Waaqayyootti Yihuudaatti dhufe; akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef Waaqayyo dhiisuufii hin barbaanne.
Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane.
Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa
24:8‑17 kwf – 2Sn 36:9‑10
Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti. Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
10 Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan; 11 utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe. 12 Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan.
Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate. 13 Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse. 14 Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe.
15 Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse. 16 Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan. 17 Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.
Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa
24:18‑20 kwf – 2Sn 36:11‑16; Erm 52:1‑3
18 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. 19 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete. 20 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.
Kufaatii Yerusaalem
25:1‑12 kwf – Erm 39:1‑10
25:1‑21 kwf – 2Sn 36:17‑20; Erm 52:4‑27
25:22‑26 kwf – Erm 40:7‑9; 41:1‑3,16‑18
Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.