9
Yesuus Barattoota Kudha Lamaan Erguu Isaa
9:3‑5 kwf – Mat 10:9‑15; Mar 6:8‑11
9:7‑9 kwf – Mat 14:1,2; Mar 6:14‑16
Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge. Akkanas isaaniin jedhe; “Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa. Mana seentan kam iyyuu keessa hamma magaalaa sanaa baatanitti achuma turaa. Yoo namoonni isin simachuu baatan, magaalaa isaaniitii baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.” Isaanis achii baʼanii iddoo hundatti wangeela lallabaa, namootas fayyisaa ganda tokko irraa gara ganda kaanii deemaa turan.
Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa
9:10‑17 kwf – Mat 14:13‑21; Mar 6:32‑44; Yoh 6:5‑13
9:13‑17 kwi – 2Mt 4:42‑44
10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Yesuusitti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan; 11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Waaqaa isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise.
12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, “Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
13 Inni immoo, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.
Isaanis, “Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna” jedhanii deebisan. 14 Dhiira gara kuma shantu achi ture.
Inni garuu barattoota isaatiin, “Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa” jedhe. 15 Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. 16 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. 17 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise
9:18‑20 kwf – Mat 16:13‑16; Mar 8:27‑29
9:22‑27 kwf – Mat 16:21‑28; Mar 8:31–9:1
18 Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee isaan gaafate.
19 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan.
20 Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
Phexrosis, “Ati Kiristoos* Waaqaa ti” jedhee deebise.
21 Yesuusis akka isaan waan kana nama tokkotti illee hin himneef jabeessee isaan akeekkachiise. 22 Innis, “Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba” jedhe.
23 Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu. 24  Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. 25  Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata? 26  Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
27  “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman.”
Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa
9:28‑36 kwf – Mat 17:1‑8; Mar 9:2‑8
28 Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29 Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan. 32 Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. 33 Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.
34 Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan. 35 Sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. 36 Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Yesuus kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne.
Yesuus Gurbaa Tokko Fayyise
9:37‑45 kwf – Mat 17:14‑18,22,23; Mar 9:14‑27,30‑32
37 Guyyaa itti aanu, yommuu isaan tulluu irraa gad buʼanitti namoonni baayʼeen isatti dhufan. 38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. 39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. 40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
41 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?” jedhe. Namichaanis, “Mee ilma kee as fidi” jedhe.
42 Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. 43 Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan.
Utuu hundi isaanii waan Yesuus hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe; 44  “Waan ani isinitti himuuf jiru of eeggannaadhaan dhaggeeffadhaa: Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.” 45 Isaan garuu dubbii kana hin hubanne. Akka isaaniif hin galleefis isaan jalaa dhokfamee ture; isaan waaʼee waan kanaa isa gaafachuus ni sodaatan.
Namni Nama Hunda Caalu Eenyu?
9:46‑48 kwf – Mat 18:1‑5
9:46‑50 kwf – Mar 9:33‑40
46 Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. 47 Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; 48 akkanas isaaniin jedhe; “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.”
49 Yohannisis, “Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
50 Yesuus garuu, “Isa hin dhowwinaa; namni isiniin hin mormine kam iyyuu gara keessan jiraatii” jedhe.
Mormii Warra Samaariyaa
51 Yesuusis yommuu yeroon inni itti gara samiitti ol fudhatamu gaʼetti Yerusaalem dhaquuf hidhatee kaʼe. 52 Innis ergamoota of dura erge; isaanis waan isa barbaachisu qopheessuudhaaf ganda Samaariyaa tokko seenan. 53 Namoonni naannoo sanaa garuu sababii inni fuula isaa Yerusaalemitti deebifatee deemaa tureef isa hin simanne. 54 Barattoonni isaa jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis yommuu waan kana arganitti, “Yaa Gooftaa, akka inni isaan balleessuuf, akka nu samii irraa ibidda gad waamnu barbaaddaa?” jedhan. 55 Yesuus garuu garagalee isaan ifate. 56 Isaanis darbanii ganda biraa dhaqan.
Yesuus Duukaa Buʼuun Gatii Nama Baasisa
9:57‑60 kwf – Mat 8:19‑22
57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, “Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
58 Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.
59 Nama biraatiinis, “Na duukaa buʼi!” jedhe.
Namichi garuu, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami” jedhee deebise.
60 Yesuusis, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi” jedheen.
61 Ammas namni biraa, “Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami” jedhe.
62 Yesuusis deebisee, “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu” jedhe.
* 9:20 9:20yookaan Masiihii