10
Naadaabii fi Abiyuud Duʼan
Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan. Kanaafuu ibiddi Waaqayyo biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Waaqayyoo duratti dhuman. Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo dubbate kanaa dha:
“ ‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti,
qulqullina koo nan argisiisa;
saba hunda durattis
ani nan ulfaadha.’ ”
Aroon immoo ni calʼise.
Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe. Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.
Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Waaqayyos saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Waaqayyo ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu. Sababii zayitiin Waaqayyoo kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan.
Waaqayyos Arooniin akkana jedhe; “Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa. 10 Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu; 11 seera Waaqayyo karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”
12 Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii. 13 Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii. 14 Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii. 15 Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Waaqayyoo duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Waaqayyo ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”
16 Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate; 17 “Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Waaqayyoo duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname. 18 Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”
19 Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Waaqayyoo duratti ni fudhatama turee?” 20 Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.