15
Dhangalaʼaa Dhagna Keessaa Baʼee Nama Xureessu
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Akkana jedhaatii Israaʼelootatti himaa; ‘Namni kam iyyuu dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu yoo qabaate, inni sababii dhangalaʼaa sanaatiifuu xuraaʼaa dha. Dhangalaʼaan sun ittuma fufee saala isaa keessaa baʼus dhaabatus namicha inuma xureessa. Akki itti dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun isa xureessus kanaa dha.
“ ‘Sireen namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irra ciisu hundinuu xuraaʼaa taʼa; wanni inni irra taaʼu hundinuus xuraaʼaa taʼa. Namni siree namicha sanaa tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni waan namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“ ‘Namni nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sana tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“ ‘Yoo namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun nama qulqullaaʼaa kamitti iyyuu tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
“ ‘Kooraan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼu hundinuu xuraaʼaa taʼa. 10 Namni waan isa jala ture tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni isaan kanneen lafaa fuudhu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
11 “ ‘Namni namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun utuu harka isaa bishaaniin hin dhiqatin tuqu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
12 “ ‘Okkoteen suphee kan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun tuqu haa caccabsamu; miʼi muka irraa hojjetame kam iyyuu bishaaniin haa dhiqamu.
13 “ ‘Namni yommuu dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irraa qulqulleeffamutti akka seeraatti qulqulleeffamuu isaatiif bultii torba haa lakkaaʼatu; uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaan yaaʼuun haa dhiqatu; innis ni qulqullaaʼa. 14 Innis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama qabatee fuula Waaqayyoo dura dhufee balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa kennu. 15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubni sun sababii dhangalaʼaa nama sanaatiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
16 “ ‘Namni tokko yommuu afeetaa dhangalaasutti dhagna isaa guutuu bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 17 Uffanni yookaan itilleen afeetaan tuqu kam iyyuu bishaaniin haa miiccamu; miʼi sun hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 18 Namni yoo niitii tokko wajjin ciisee afeetaa dhangalaase, lamaan isaanii iyyuu bishaaniin dhagna isaanii haa dhiqatan; isaan hamma galgalaatti xuraaʼoo taʼu.
19 “ ‘Dubartiin yoo dhangalaʼaa dhiigaa kan yeroo isaa eeggatee dhagna ishee keessaa baʼu qabaatte, isheen xuraaʼummaa xurii jiʼaa isheetiin bultii torba turti; namni ishee tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
20 “ ‘Wanni isheen yeroo xurii isheetti irra ciiftu xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa. 21 Namni siree ishee tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 22 Namni waan isheen irra teessu tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 23 Namni yoo sirees taʼu waan isheen irra taaʼaa turte kam iyyuu tuqe inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
24 “ ‘Namni yoo ishee wajjin ciisee xuraaʼummaan ishee isa tuqe, inni bultii torba xuraaʼaa taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
25 “ ‘Dubartiin tokko yoo yeroo xurii jiʼaa ishee malee guyyaa baayʼeedhaaf dhangalaʼa dhiigaa qabaatte yookaan yoo dhangalaʼa dhiigaa kan yeroo xurii ishee booddees ittuma fufu qabaatte isheen akkuma yeroo xurii ishee sanatti hamma dhangalaʼaan sun jirutti xurooftuu taati. 26 Sireen isheen yeroo dhangalaʼaan ishee ittuma fufee yaaʼutti irra ciiftu akkuma siree ishee kan yeroo xurii jiʼaa ishee sanaatti xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xurii isheetti xuraaʼaa taʼa. 27 Namni isaan tuqu kam iyyuu ni xuraaʼa; inni uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
28 “ ‘Isheen erga dhangalaʼaa ishee irraa qulqullooftee booddee guyyaa torba haa lakkaaʼattu; ergasii immoo akka seeraatti ni qulqulloofti. 29 Isheenis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama fuutee, balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fiddu. 30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis sababii xuraaʼummaa dhangalaʼaa isheetiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
31 “ ‘Isin akka Israaʼeloonni iddoo bultii koo kan gidduu isaanii jiru sana xureessuudhaan xuraaʼummaa isaaniitiin hin duuneef waan isaan xureessu irraa addaan isaan baasuu qabdu.’ ”
32 Wanni kun seera nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼuuf, nama afeetaan saala isaa keessaa baʼu xureessuuf, 33 dubartii xurii jiʼaa qabduuf, dhiira yookaan dubartii dhangalaʼaan saala keessaa baʼuu fi nama dubartii akka seeraatti qulqulluu hin taʼin tokko wajjin ciisu kamiif iyyuu kennamee dha.