17
Dhiiga Nyaachuun Dhowwaa dha
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni Waaqayyo ajaje kunoo kana: Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee dunkaana qulqulluu Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu. Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana Waaqayyoof fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan. Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa Waaqayyoo kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa Waaqayyotti tolu godhee haa gubu. Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
“Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee balbala dunkaana wal gaʼii duratti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
10 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa. 11 Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga. 12 Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha.
13 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu; 14 jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma.
15 “ ‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa. 16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’ ”