19
Seera Adda Addaa
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.
“ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“ ‘Yommuu aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa. Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu. Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu. Namni waan sana nyaatu sababii waan Waaqayyoon qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
“ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa. 10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
11 “ ‘Hin hatinaa.
“ ‘Hin sobinaa.
“ ‘Walis hin gowwoomsinaa.
12 “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo.
13 “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin.
“ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin.
14 “ ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
15 “ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
16 “ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin.
“ ‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani Waaqayyo.
17 “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
18 “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
19 “ ‘Sirna koo eegaa.
“ ‘Horii gosa gosaa walitti hin diqaalomsinaa.
“ ‘Midhaan gosa lama lafa qotiisaa keessanitti hin facaasinaa.
“ ‘Wayyaa waan lama irraa hojjetame hin uffatinaa.
20 “ ‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin. 21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti Waaqayyoof haa fidu. 22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf.
23 “ ‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin. 24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; Waaqayyoofis aarsaa galataa taʼa. 25 Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
26 “ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa.
“ ‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa.
27 “ ‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
28 “ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo.
29 “ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
30 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
31 “ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
32 “ ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
33 “ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa. 34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
35 “ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa. 36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii* fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
37 “ ‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani Waaqayyo.’ ”
* 19:36 19:36 Iifiin tokko liitirii 22. 19:36 19:36 Iiniin tokko liitirii 4.