4
Aarsaa Cubbuu
Waaqayyo akkana jedhee Museetti dubbate; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan Waaqayyo dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete.
“ ‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu. Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula Waaqayyoo duratti haa qalu. Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu. Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu. Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu. Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda, kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi; 10 waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu. 11 Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa, 12 jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu.
13 “ ‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa. 14 Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu. 15 Maanguddoonni waldaa fuula Waaqayyoo duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu. 16 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu. 17 Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu. 18 Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu. 19 Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu; 20 dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu. 21 Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti.
22 “ ‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja Waaqayyo Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa. 23 Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu. 24 Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti. 25 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. 26 Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata.
27 “ ‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa. 28 Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu. 29 Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu. 30 Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. 31 Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata.
32 “ ‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu. 33 Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu. 34 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu. 35 Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata.