6
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee Waaqayyoof amanamuu baate, yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete, yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu. Ergasiis inni bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne kan gatiin isaa gatii adabbii yakka tokkootti tilmaamamu aarsaa yakka ofii isaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee lubatti haa fidu. Lubichi haaluma kanaan fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.”
Aarsaa Gubamu
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Aroonii fi ilmaan isaatiif ajaja kana kenni: ‘Seerri aarsaa gubamuu kanaa dha; aarsaan gubamu hamma lafti bariitutti halkan guutuu ibidda iddoo aarsaa irra jiru gubbaa haa turu; ibiddis ittuma fufee iddoo aarsaa irratti haa bobaʼu. 10 Lubni sunis uffata isaa kan quncee talbaa irraa hojjetamee fi uffata wayyaa jalaan dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa uffatu; ergasiis daaraa aarsaa gubamuu kan ibiddi iddoo aarsaa irratti gubee fixe sana haree iddoo aarsaa cina haa kaaʼu. 11 Ergasiis uffata sana of irraa baasee kan biraa haa uffatu; daaraa sanas baatee qubata keessaa gad baasee lafa akka seeraatti qulqulluu taʼetti haa geessu. 12 Ibiddi iddoo aarsaa irra jiru yeroo hunda bobaʼuu qaba; yoom iyyuus hin dhaamin. Lubichi ganama ganama ibidda sanatti qoraan haa naqu; aarsaa gubamu ibidda irratti haa qopheessu; kana irrattis cooma aarsaa nagaa haa gubu. 13 Iddoo aarsaa irratti ibiddi yeroo hunda haa bobaʼu; gonkumaas hin dhaamin.
Kennaa Midhaanii
14 “ ‘Seerri kennaa midhaanii kanaa dha: Ilmaan Aroon waan kana fuullee iddoo aarsaatti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessan. 15 Lubnis daakuu bullaaʼaa konyee tokkoo fi zayitii, ixaana kennaa midhaanii irra jiru hunda wajjin fuudhee urgaa Waaqayyotti tolu godhee akka kutaa yaadannootti iddoo aarsaa irratti haa gubu. 16 Aroonii fi ilmaan isaa immoo waan irraa hafe haa nyaatan; kun maxinoo iddoo qulqulluutti nyaatamuu qabuu dha; isaanis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti haa nyaatan. 17 Wanni kun raacitiidhaan tolfamuu hin qabu; ani kennaa ibiddaan naa dhiʼeeffamu keessaa akka qooda isaaniitti waan kana isaaniif kenneera. Kunis akkuma aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaatti waan hunda caalaa qulqulluu dha. 18 Sanyiin Aroon kan dhiira taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu dandaʼa. Kunis qooda kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu keessaa dhaloota keessan kan dhufutti bara baraan Arooniif kennamee dha; namni isa tuqu hundinuus ni qulqullaaʼa.’ ”
19  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 20 “Kennaan Aroonii fi ilmaan isaa guyyaa inni dibamutti Waaqayyoof dhiʼeessuu qaban kanaa dha: Daakuu bullaaʼaa iifii* kudhan keessaa tokkoo jechuunis walakkaa isaa ganama, walakkaa immoo galgala yeroo hunda kennaa midhaanii godhanii haa dhiʼeessan. 21 Kunis zayitiidhaan eelee irratti haa tolfamu; akka gaariitti walitti makiitii kennaa midhaan sanaa caccabsii urgaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi. 22 Ilmi isaa kan luba taʼee dibamee iddoo isaa buʼu waan kana haa qopheessu; kennaan kun sababii qooda Waaqayyoo kan bara baraa taʼeef guutummaatti haa gubamu. 23 Kennaan midhaanii kan lubichi dhiʼeessu hundi guutummaatti haa gubamu; aarsaan sun nyaatamuu hin qabuutii.”
Aarsaa Cubbuu
24  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 25 “Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhi: ‘Seerri aarsaan cubbuu ittiin dhiʼeeffamu kanaa dha: Aarsaan cubbuu iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. 26 Lubni isa dhiʼeessu aarsaa kana haa nyaatu; kunis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba. 27 Namni foon sana tuqu kam iyyuu ni qulqullaaʼa; yoo dhiigni isaa tokko iyyuu uffatatti facaʼe uffata sana iddoo qulqulluutti miicuu qabda. 28 Okkoteen suphee kan foon sun itti affeelame haa cabsamu; yoo okkotee naasiitti affeelame garuu haqamee bishaaniin haa dhiqamu. 29 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu ni dandaʼa; kun waan hunda caalaa qulqulluu dha. 30 Garuu aarsaan cubbuu kan araara buusuudhaaf dhiigni isaa gara dunkaana wal gaʼii Iddoo Qulqulluutti fidamu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu; inni gubamuu qaba.
* 6:20 6:20 Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.