13
Mallattoo Dhuma Baraa
13:1‑37 kwf – Mat 24:1‑51; Luq 21:5‑36
Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen.
Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.
Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan; “Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?”
Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu. Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye. Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu. 10  Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba. 11  Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
12  “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. 13  Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
14  “ ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’*sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan. 15  Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin. 16  Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin. 17  Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! 18  Kunis akka gannakeessa hin taaneef kadhadhaa. 19  Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.
20  “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera. 21  Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa. 22  Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu. 23  Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.
24  “Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee,
“ ‘Aduun ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu;
25  urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;
humnoonni samiis ni raafamu.’
26  “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu. 27  Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
28  “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu. 29  Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu. 30  Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu. 31  Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Guyyaa fi Saʼaatiin Sun Hin beekamu
32  “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku. 33  Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii. 34  Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.
35  “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii. 36  Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef. 37  Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”
* 13:14 13:14 Dan 9:27; 11:31; 12:11 13:18 13:18 Ganni yeroo bokkaan cimaan roobee lagni guutee rakkina uumuu dha. Akkasumas akka ganna keessa hirʼinni nyaataa jiru argisiisuu dandaʼa. 13:25 13:25 Isa 13:10; 34:4