9
Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa
9:2‑8 kwf – Luq 9:28‑36
9:2‑13 kwf – Mat 17:1‑13
Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa* tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate. Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje. 10 Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
11 Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
12 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree? 13  Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
Gurbaan Hafuura Xuraaʼaadhaan Qabame Tokko Fayye
9:14‑28,30‑32 kwf – Mat 17:14‑19,22,23; Luq 9:37‑45
14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan. 15 Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
16 Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. 18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
19 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
21 Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate.
Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti. 22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
23 Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
25 Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan. 27 Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
28 Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
29 Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne; 31 sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture. 32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
Namni Nama Hundumaa Caalu Eenyu?
9:33‑37 kwf – Mat 18:1‑5; Luq 9:46‑48
33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate. 34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
35 Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; 37  “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
Namni Nuun Hin Mormine Kam iyyuu Garee keenya
9:38‑40 kwf – Luq 9:49,50
38 Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
39 Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii. 40  Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii. 41  Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
Cubbuu Nama Hojjechiisuu
42  “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture. 43  Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [ 44  Gahaannamis iddoo,
“ ‘raammoon isaanii hin duune,
ibiddis hin dhaamnee dha.’]
45  Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [ 46  Gahaannamis iddoo,
“ ‘raammoon isaanii hin duune,
ibiddis hin dhaamnee dha.’]§
47  Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya. 48  Gahaannamis iddoo,
“ ‘raammoon isaanii hin duune,
ibiddis hin dhaamnee dha.’*
49  Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
50  “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”
* 9:2 9:2 Akka hubannaa Yihuudootaatti tulluun ol dheeraan iddoo mijaaʼaa itti Waaqni namatti of mulʼisuu dha. 9:7 9:7 Duumessi argamuu Waaqaa mulʼisa (Bau 13:21‑22; 16:10; 19:9; 2Sn 5:13‑14). 9:44 9:44 Kutaan kun waraabbilee tokko tokko keessatti hin argamu. § 9:46 9:46 Kutaan kun waraabbilee tokko tokko keessatti hin argamu. * 9:48 9:48 Isa 66:24 9:49 9:49 Miʼeeffama (qulqulleeffama) – jechi kun miʼaa soogidda irraa argamu mulʼisa. Namoonni durii akka aarsaan tokko fuula Waaqaa duratti fudhatama argatuuf jechuunis aarsaa qulqulleessuuf soogiddatti fayyadamaa turan (Lew 2:13; His 43:24).