Raajii
Miilkiyaas
1
Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
Israaʼel Jaalala Waaqaa Shakke
“Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo.
“Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu.
“Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee, Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa.
Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu. Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
Aarsaa Mudaa Qabuun Kakuu Cabsuu
“Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
“Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata.
“Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
“Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu.
“Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu.
“Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan. Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
“Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
10 “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 11 “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu. 13 ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
“Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo. 14 “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.