10
Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha:
 
Bulchaa biyyaa
jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa.
 
Zedeqiyaa, Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa,
Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk,
Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa,
Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk,
Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin,
Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa.
Warri kunneen luboota turan.
 
Lewwonni:
Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi
10 obboloota isaanii: Shebaniyaa,
Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan,
11 Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa,
12 Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa,
13 Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu.
 
14 Bulchitoota sabaa:
Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii,
15 Bunii, Azgaad, Beebay,
16 Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin,
17 Ateer, Hisqiyaas, Azuri,
18 Hoodiyaa, Haashum, Beesaay,
19 Haariif, Anaatoot, Nebaayi,
20 Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir,
21 Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa,
22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
23 Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub,
24 Haloheesh, Philihaa, Soobeq,
25 Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa,
26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
27 Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa.
 
28 “Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin 29 obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii Waaqayyo Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
30 “Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla.
31 “Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna.
32 “Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna; 33 kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha.
34 “Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra.
35 “Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra.
36 “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina.
37 “Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina. 38 Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu. 39 Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu.
“Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”