12
Lubootaa fi Lewwota
Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha:
 
Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,
Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa.
 
Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.
 
Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan. Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
 
10 Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim;
Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib;
Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;
11 Yooyaadaan abbaa Yoonaataan;
Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
 
 
12 Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan:
 
Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa;
maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
13 maatii Izraa keessaa Meshulaam;
maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;
14 maatii Maliikii keessaa Yoonaataan;
maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;
15 maatii Haariim keessaa Adinaa;
maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;
16 maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas;
maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;
17 maatii Abiyaa keessaa Zikrii;
maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;
18 maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa;
maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;
19 maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi;
maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;
20 maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi;
maatii Aamoq keessaa Eeber;
21 maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa;
maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
 
22 Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman. 23 Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman. 24 Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
25 Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan. 26 Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
Eebba Dallaa Yerusaalem
27 Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman. 28 Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii, 29 Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii. 30 Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
31 Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe. 32 Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan, 33 Azaariyaa, Izraa, Meshulaam, 34 Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan; 35 akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan; 36 amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture. 37 Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
38 Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe; 39 akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
40 Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe; 41 amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii 42 Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan. 43 Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
44 Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii. 45 Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan. 46 Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii. 47 Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.