3
Ijaartota Dallaa
Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran. Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare.
 
Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse. Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne.
 
Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan. Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran. Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse. 10 Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse. 11 Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan. 12 Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan.
 
13 Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan.
 
14 Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise.
 
15 Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse. 16 Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse.
17 Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse. 18 Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan. 19 Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse. 20 Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaay roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse. 21 Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse.
22 Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse. 23 Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse. 24 Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse; 25 Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi 26 tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan. 27 Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan.
 
28 Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan. 29 Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse. 30 Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse. 31 Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse; 32 tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan.