12
Maariyaamii fi Aroon Museedhaan Morman
Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii. Isaanis, “Waaqayyo karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Waaqayyos dubbii kana dhagaʼe.
Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
Waaqayyos yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan. Ergasii Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan, inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa:
“Yoo raajiin Waaqayyoo gidduu keessan jiraate,
ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa;
abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
Garuu garbichi koo Museen akkana miti;
inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.
Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin,
ifaan ifatti isatti nan dubbadha;
inni bifa Waaqayyoo ni arga.
Yoos isin maaliif
garbicha koo Museedhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?”
Aariin Waaqayyos isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
10 Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge; 11 innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin. 12 Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
13 Museen Waaqayyotti booʼee, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
14  Waaqayyo akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.” 15 Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
16 Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.