24
Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate. Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe; innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
“Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor,
ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu
isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu
kan kufee iji isaa banamu sanaa:
 
“Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee,
Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
 
“Isaan akkuma sulula diriiraa,
akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa,
akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee,
akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa;
sanyiin isaa bishaan baayʼee argata.
 
“Mootiin isaa Agaag caala;
mootummaan isaa ni kabajama.
 
“Waaqayyo Gibxii isa baase;
inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.
Inni saba diinota isaa taʼe nyaata;
lafee isaanii ni caccabsa;
xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
Inni akkuma leencaa ciiseera;
akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa?
 
“Warri si eebbisan haa eebbifaman;
warri si abaaranis haa abaaraman!”
10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte. 11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii? 13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’ 14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
Ergaa Balaʼaam Kan Afuraffaa
15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor,
ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu
kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu
kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu
kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
 
17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti;
ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti.
Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa;
Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa.
Inni adda warra Moʼaab,
buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
18 Edoom ni moʼatama;
Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama;
Israaʼel garuu jabaachaa deema.
19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa;
warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
Ergaa Balaʼaam Kan Dhumaa
20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate:
“Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture;
dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate:
“Iddoon ati jiraattu jabaa dha;
manni kees kattaa keessatti ijaarame;
22 taʼus isin warri Qeenotaa,
gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate:
“Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu
eenyutu jiraachuu dandaʼa?
24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu;
isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu;
garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.