30
Wareegawwan
Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni Waaqayyo ajaje kanaa dha: Namni tokko yoo Waaqayyoof waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba.
“Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu Waaqayyoof wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente, yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu. Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef Waaqayyo ishee ni bilisoomsa.
“Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte, dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu. Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; Waaqayyos ishee bilisoomsa.
“Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata.
10 “Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite, 11 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu. 12 Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, Waaqayyo ishee bilisoomsa. 13 Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa. 14 Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera. 15 Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.”
16 Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan Waaqayyo Musee ajajee dha.