Raajii
Obaadiyaa
1
Mulʼata Obaadiyaa.
1‑4 kwf – Erm 49:14‑16
5‑6 kwf – Erm 49:9‑10
Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha.
 
 
Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra:
Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa;
waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
 
“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa;
atis akka malee tuffatamta.
Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee
mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu,
kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu,
of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee
urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu,
ani achii gad sin buusa”
jedha Waaqayyo.
“Hattuun yoo sitti dhuftee
saamtuun halkaniin sitti seente,
balaa akkamiitu si eeggata!
Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii,
silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
Esaawu garuu akkam saamamee
qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba;
michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu;
warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu;
ati garuu waan kana hin hubattu.
 
“Ani bara sana ogeeyyii Edoom,
namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa
hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
“Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu;
namni tulluuwwan Esaawuu irra
jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
10 Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif
ati qaaniidhaan haguugamta;
bara baraanis ni balleeffamta.
11 Gaafa alagoonni qabeenya isaa
guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii
Yerusaalemitti ixaa buufatanitti,
atis kophaa dhaabattee
isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
12 Gaafa inni milkii dhabetti
ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte;
yookaan guyyaa badii isaaniitti
saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte;
yookaan bara rakkina isaanii keessa
akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
13 Bara balaan isaanitti dhufe keessa
karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte;
yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa
rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte;
yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa
qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
14 Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti
isaan eeggachuu hin qabdu turte;
yookaan bara rakkina isaa keessa
hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
 
15 “Guyyaan Waaqayyoo
saboota hundaaf dhiʼaateera.
Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama;
hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
16 Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana,
saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu;
isaan itti deddeebiʼanii dhugu;
akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
17 Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata;
inni ni qulqullaaʼa;
manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
18 Manni Yaaqoob ibidda,
manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa;
manni Esaaw huura taʼa;
isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu.
Mana Esaaw keessaa
namni tokko iyyuu hin hafu”
jedhee dubbateera Waaqayyo.
 
19 Namoonni Negeeb
tulluuwwan Esaaw ni qabatu;
namoonni gaarran jala jiraatan immoo
biyya Filisxeemotaa qabatu.
Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu;
Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
20 Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun
biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala;
boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen
Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
21 Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf
Tulluu Xiyoonitti ol baʼu.
Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.