2
Barsiistota Sobduu fi Badiisa Isaanii
Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.
Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee, utuu addunyaa duriitiif hin hilin Nohi isa qajeelummaa lallabu namoota biraa torba wajjin oolchee warra Waaqatti hin bulletti bishaan badiisaa erga fidee, magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraas hamma isaan daaraa taʼanitti gubuudhaan itti muree, fakkeenya waan warra Waaqaaf hin bulletti dhufuuf jiruu erga isaan godhee, namicha qajeelaa jechuunis Looxi isa jireenya xuraaʼaa finciltootaatiin dhiphachaa ture sana erga badiisa oolchee, namichi qajeelaan sun yeroo gidduu isaanii jiraachaa turetti guyyuma guyyaan fincila isaanii sana arguu fi dhagaʼuudhaan lubbuun isaa qajeeltuun sun isa keessatti dhiphachaa turtee, wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Waaqaaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka.
10 Wanni kun keessumattuu warra hawwii foonii xuraaʼaa sana duukaa buʼanii fi warra abbootii taayitaa tuffatanitti ni cima.
Namoonni kunneen ija jabeeyyii fi of tuultota; isaan ulfina qabeeyyii samii arrabsuu hin sodaatan; 11 ergamoonni iyyuu yoo isaan caalaa jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan iyyuu fuula Gooftaa duratti uumamawwan akkasii arrabsanii hin himatan. 12 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu. Isaan akkuma bineensota qalbii hin qabnee ti; akkuma uumamawwan miira isaaniitiin qajeelfaman kanneen qabamuu fi ajjeefamuu qofaaf dhalatanii ti; akkuma bineensonni sun badanitti jarris ni badu.
13 Miidhaa isaan hojjetaniif miidhaatu deebiʼaaf. Isaan guyyaa adiidhaan gara malee machaaʼuu akka gammachuutti fudhatu. Yeroo isin wajjin nyaataa fi dhugaatiitti dhiʼaatanittis isaan gowwoomsaa isaaniitiin gidduu keessanitti xurii fi waan fafaa taʼu. 14 Waan iji isaanii ejjaan guutameef isaan cubbuu hojjechuu hin dhiisan; warra hin jabaatin gowwoomsu; garaan isaanii doqnummaa barateera; isaan ijoollee abaaramanii dha! 15 Karaa qajeelaa dhiisanii karaa Balaʼaam ilma Bosoor isa gatii jalʼinaa jaallate sanaa duukaa buʼuuf karaa irraa badan. 16 Balaʼaam garuu sababii dogoggora isaatiif harreen isa ifatte; horiin duudaan afaan namaa dubbattee maraatummaa raajii sanaa ittifte.
17 Namoonni kunneen burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbeen oofamuu dha. Dukkanni limixiin isaaniif kaaʼameera. 18 Isaan dubbii faayidaa hin qabnee fi dubbii of tuulummaa odeessu; warra namoota jireenya dogoggoraa keessa jiraatan keessaa baqatanii baʼan hawwii foonii hamaadhaan gowwoomsu. 19 Isaan utuma ofii isaaniitii iyyuu garboota badiisaa taʼanii jiranuu birmadummaa isaan abdachiisu; namni tokko waan isa moʼate kamiifuu ni garboomaatii. 20 Isaan erga Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos beekuudhaan xuraaʼummaa addunyaa keessaa baʼanii booddee yoo amma illee deebiʼanii xuraaʼummaa sanaan qabamanii fudhataman haalli isaanii kan dhumaa isa jalqabaa sana caalaa hammaata. 21 Isaan karaa qajeelinaa beekanii ajaja qulqulluu isaanii kenname sanatti dugda galuu irra utuu duraanuu karaa qajeelinaa sana beekuu baatanii isaaniif wayya ture. 22 Mammaaksi, “Sareen diddiga isheetti deebiti”* akkasumas, “Booyyeen dhiqamte dhoqqee keessa gangalachuu isheetti deebiti” jedhu sun isaan irratti mirkaneeffame.
* 2:22 2:22 Fak 26:11