14
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;
gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
 
Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata;
kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
 
Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;
arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
 
Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;
garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
 
Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;
dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
 
Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;
nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
 
Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;
arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
 
Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;
gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
 
Gowwoonni cubbuutti qoosu;
qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
 
10 Garaan gadda ofii isaa ni beeka;
namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
 
11 Manni nama hamaa ni bada;
dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
 
12 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
 
13 Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;
gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
 
14 Namni hin amanamne gatii karaa isaa,
namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
 
15 Namni homaa hin beekne waan hunda amana;
namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
 
16 Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;
gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
 
17 Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;
namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
 
18 Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;
qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
 
19 Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,
jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
 
20 Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;
sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
 
21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;
kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
 
22 Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?
Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi
amanamummaa argatu.
 
23 Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;
oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
 
24 Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;
gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
 
25 Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;
dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
 
26 Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba;
ijoolleen isaas daʼoo argatu.
 
27  Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
 
28 Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;
yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
 
29 Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;
kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
 
30 Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;
hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
 
31 Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;
namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
 
32 Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;
qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee
amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
 
33 Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;
garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
 
34 Qajeelummaan saba ol guddisa;
cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
 
35 Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;
kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.