16
Karoorri garaa kan namaa ti;
deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata;
yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
 
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
 
Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta;
hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
 
Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha;
dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
 
Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata;
Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
 
Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise,
inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
 
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa
waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
 
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;
Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
 
10 Hidhiin mootii hooda dubbata;
afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
 
11 Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti;
ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
 
12 Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf
mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
 
13 Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu;
isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
 
14 Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti;
namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
 
15 Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira;
surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
 
16 Ogummaa argachuun warqee caala;
hubannaa argachuunis meetii caala!
 
17 Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha;
namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
 
18 Of tuuluun badiisaan dura,
of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
 
19 Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa,
hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
 
20 Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa;
kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
 
21 Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama;
dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
 
22 Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti;
gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
 
23 Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha;
afaan isaas gorsa dabala.
 
24 Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;
inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
 
25 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
 
26 Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu
hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
 
27 Namni faayidaa hin qabne hammina malata;
haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
 
28 Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo
michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
 
29 Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee
karaa jalʼaatti isa geessa.
 
30 Namni ija qisu jalʼina karoorfata;
kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
 
31 Arriin gonfoo ulfinaa ti;
innis karaa qajeelaadhaan argama.
 
32 Goota waraanaa irra nama obsa qabu,
nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
 
33 Ixaan gudeeda irratti buufama;
murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.