Gorsa Galata Galchuu
Faarfannaa 100
Faarfannaa Galataa.
Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;
faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa;
isattu nu uume; nu kan isaa ti;
nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
 
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;
amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.