Faarfannaa Ayyaana Daasii
Faarfannaa 118
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa
bara baraan jiraata” haa jedhu.
Manni Aroonis,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
Warri Waaqayyoon sodaatan,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
 
Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe;
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.
Anis diinota koo nan moʼadha.
 
Nama amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
Qondaaltota amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
 
10 Saboonni hundinuu na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
11 Isaan karaa hundaan na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;
garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;
anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
 
13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;
Waaqayyo garuu na gargaare.
14  Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;
inni fayyina koo taʼeera.
 
15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota
qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;
“Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera;
harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
 
17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu;
waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
18  Waaqayyo jabeessee na adabeera;
garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
 
19 Karra qajeelummaa naa banaa;
anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
20 Kun karra Waaqayyoo,
kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;
ati fayyina naa taateerta.
 
22 Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
23  Waaqayyo waan kana hojjeteera;
kunis ija keenyatti dinqii dha.
24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
 
25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi;
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha.
Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
27  Waaqayyo Waaqa;
ifa isaas nuu irratti ibseera.
Dameewwan harkatti qabadhaatii
warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
 
28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha;
ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
 
29  Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.