Fayyisaa Israaʼel
Faarfannaa 124
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.
Israaʼel akkana haa jedhu:
Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,
silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
lolaan nu liqimsee
dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
bishaan hamaan
nu fudhatee bada ture.
 
Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf
dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,
nu isaan jalaa baaneerra;
kiyyoon ni ciccite;
nus jalaa baane.
Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,
Uumaa samii fi lafa sanaa ti.