Kadhannaa Hamoota Irratti Dhiʼaate
Faarfannaa 140
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi;
namoota finciltoota
warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii
guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;
hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
 
Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi;
namoota finciltoota
warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;
ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;
karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
 
Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha.
Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,
ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;
akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
 
Mataan warra na marsanii,
hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;
isaan ibiddatti illee haa darbataman;
akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;
namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
 
12  Waaqayyo rakkattootaaf falmee
hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;
namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.