Faarfannaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame
Faarfannaa 147
Haalleluuyaa.
 
Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;
isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
 
Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara;
Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
Warra garaan cabe ni fayyisa;
madaa isaaniis walitti hodha.
Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;
tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;
hubannaan isaas dhuma hin qabu.
Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa;
hamoota garuu lafatti darbata.
 
Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa;
baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
 
Inni samiiwwani duumessaan haguuga;
lafaafis bokkaa kenna;
tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
Horiidhaaf waan isaan dheedan,
yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti
nyaata isaaniif ni kenna.
 
10 Inni jabina fardaatti hin gammadu;
yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
11  Waaqayyo warra isa sodaatanitti,
warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
 
12 Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu;
Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
 
13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;
ijoollee kees si keessatti eebbisa.
14 Daarii keetiif nagaa kenna;
qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
 
15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;
dubbiin isaas ni ariifata.
16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;
qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.
Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;
bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
 
19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti,
seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;
isaan seera isaa hin beekan.
 
Haalleluuyaa.