Faarfannaa Moʼannoo
Faarfannaa 149
Haalleluuyaa.
 
Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
 
Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;
sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;
dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;
warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;
siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
 
Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu;
goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
kunis sabootatti haaloo baʼuu fi
namoota adabuudhaaf;
mootota isaanii foncaan,
hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.
Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.
 
Haalleluuyaa.