Waaqayyo Dhaala Koo ti
Faarfannaa 16
Miiktaamii Daawit.
Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii,
ati na eegi.
 
Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti;
ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha;
anis isaanitti baayʼee nan gammada.
Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan,
gaddi isaanii ni guddata.
Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu;
yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
 
Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti;
ixaa koos situ naa jiraachisa.
Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera;
dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
 
Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha;
halkanis yaadni koo na qajeelcha.
Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.
Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
 
Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
foon koos nagaadhaan jiraata;
10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,
yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.
11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis
gammachuudhaan na guutta;
gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.